Walaloo

 

Gootota Oromoo maraaf
....

Harka hin nyaanne keekii
deemnaan  moota kiyyoo
Akka hintaane beeki
seenaan gootaa biyyoo

Goodaansaan sarmuuttii
qabamee cuunfamaa
Godaambaa saammuutti
naqamee kuufama

Akka waardiyyaati 
deemnaan ittiin bulu
Wal'aansa biyyaati
seenaa ittiin ulu

Jigaaf hin eegani
kan kumaan arganu
Isaan geeraranii
isumaan fakkanu

Beenaan hirmii hinbaatu
kan kaboota aarsu
Seenaa rirmi hin nyaatu
kanaaf goota faarsu

Waan dubbistanif galatoomaa!

Comments